Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa Marii Waliin Geggeessuun Gabaasame


Jilli addaa Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in hoogganaa kooriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin har’a wal ga’uu isaaniitu gabaasame.

Gabaasi sabaa himaalee akka jedhutti Kim warren kooriyaa kibbaa waliin irbaata qooddachuuf jiru.

Jiloonni miseensota kudhan kan gorsa naga eegusmaa prezidaant Moon, Chung Eui Yong-n durfamu Seol irraa Pyongyangn seenee jira.

Chung Seoul utuu hin ka’in dura tuuta oduuf ibsa kennaniin erga cicha cimaa kan prezidaant Moon odola Kooriyaa Nuklera irraa walaba gochu fi nageenya waariinsa qabu buusuuf qaban nan dabarsa jedhan.

Chung itti dabaluu dhaan Pyongyang fi Washington gidduutti mariin akka jalqabamu mala gargaaruuf illee kan tattaafatan ta’uu beeksisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG