Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siiriyaa Ghoutaa Gama Bahaaf Gargaarsi Akka Darbu Eeyamame


Konkolaataan gargaarsa namoomaa fe’ate Siiriyaa naannoo Ghouta bakka ripxe loltoonni qabatan seenuu isaa tokkummaan mootummootaa fi waldaan fannoo diimaa beeksisaniiru.

Waldaa fannoo diimaatti jilli Siiriyaa akka jedhanitti konkolaataa fe’umsaa 46 midhaanii uummata kuma 27,500 akkasumas meeshaalee wal’aansa fayyaa yoo galchu waajjirri gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa akka gabaasetti immoo meeshaaleen wal’aansa fayyaa lubbuu oolchan hedduun garuu seenuu dhorkaman jedheera.

Konkolaataan har’a Ghouta gama bahaa seenuuf eeyamame torbanneen sadii keessatti isa jalqabaa ti. Konkolaatonni sun ennaa magaalattii seenan akka yeroo waliin wal dorgomuu ture jechuu dhaan dubbi himaan fannoo diimaa Pawel Krzysiek dubbataniiru.

Golli naga eegumsaa uummata kuma 400 kanneen Ghouta gama bahaa keessatti danqamaniif gargaarsi akka darbu gochuuf lola dhaabinsi guyyoota 30 akka tolfamu gaafachuun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG