Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hacuuccaan, Addaan-qoodinsii fi Hookkarri Dubartoota Irratti Geggeessamu Akka Dhaabatu Gaafachuuf Guutummaa Addunyaatti Hiriirawwan Geggeessamaa Oolan


Har’a, gama tokkoon ayyaana dubartootaa sadarkaa Addunyaa ayyaaneffachuuf, gama kaaniin immoo hacuuccaan, addaan-qoodinsii fi hookkarri dubartoota irratti geggeessamu akka dhaabatu gaafachuuf, guutummaa Addunyaa irratti hiriirawwan geggeessamaa oolan.

Magaalaa galma-mootummaa Filiippins – Maaniillaa keessatti, dubartoonni halluu bifa siddisaa faa uffachuudhaan karawwan magaalattii irra hiriiuudhaan, mootummaa Prezidaantii biyyattii – Roodirigoo Duytertee fi irraa-cimaa inni baala sammuu joonjessudhabamsiisuuf jalatti namoonni kuma afur ajjeesamuu balaaleffatanii jiran. Magaalaa Kooriyaa Kibbaa – Suul keessatti immoo, tuttuqqaa naamusa-dhaabinsa saalaa bakka hojiitti dubartoota irratti geggeessamu mormuuf – sochii Yunaayitid Isteets keessatti jalqabame, kan “Me Too” yokaan “Anis” jedhamuf deggersa isaanii agarsiisanii jiran.

Speen keessatti immoo, addaa-addummaa dantaa dinagdee dubartootaa fi dhiira gidduutti mul’atu mormuudhaan, dubartoonni har’a hojii dhaabuudhaan daandii yaa’anii mormii isaanii dhageessisaa oolan – jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG