Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Dawwannaa Afriikaa Addaan Kutanii Deebi'uuf Jiru


Ministriin dhimma alaa Ameerikaa Rex Tillerson dhimma biyya isaanii keessaa dhimma Kooriyaa kaabaa waliin jiru dabalatee dhiibbaa jiru irraan kan ka’e daawwannaa isaanii Afiikaatti geggeessan guyyaan tokko ennaa hafu addaan kuktanii deebi’an.

Dhimmi isaan argamuun irra jiru waan jiruuf guyyaa tokko dursanii gara Yunaayitid Isteetisi-tti deebi’u, sana dura marii Chaad fi Naayjeeriyaa keessatti geggeessan xumuru jechuu dhaan itti aanaa ministrii kan ta’an Steve Goldstien beeksisaniiru.

Ennaa Tillerson daawwannaaf Afriikaatti qajeelan prezidaant Doonaald Traamp immoo afeerraa hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un baatii Caamsaa keessa kallattiin mari’achuuf gaafatan simatan. Karoorri addaan ba’ee lafa kaa’ame garuu hin jiru.

Tillerson Wixata har’aa magaalaa galma mootummaa Chad N’Djamena daawwachuu dhaan prezidaantii biyyattii Idriss Deby waliin wal arganii jiran. Booda irras kan prezidaant Traamp xumura baatii Onkoloolessaa kaa’an imala ugguraa kan lammiiwwan Chad irra kaa’ame illee kan ka’u ta’uu beeksisan.

San boodas gara Nigeriatti imaluu dhaan prezidaant Muhammaduu Buharii waliin wal arguuf gamasitti qajeelan. Fayyummaan waan itti dhaga’ameef jecha Sambata darbe qophii Keeniyaa irratti hin argamin hafan. Bor ganama gara Washingtonitti kan deebi’an ta’uu illee Steve Goldstein beeksisaniirul.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG