Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtii Kenname Traamp Simatanii Jiru


Raashiyaan bara 2016 filannoo prezidaantummaa gaggeeffamee keessatti iccitii galmeelee dhaabbatoota siyaasa Amerikaa karaa marsaa intarneetiin hataa turte jechuun koreen tika nagaa kan mana marii bakka bu’ootaa har’a xumuruu isaa prezidaant Traamp ragaa qabatamaan jechuuf faarsan.

Murtiin kun garu duula na filadhaa prezidaant Traamp gaggeessaa turan waliin wal hin qabsiifne.Traamp murtii labsamee kan simatan yoo ta’u Demookraatonni garu qeeqa jabaa dhiyeessan.Koreen Ripaablikaanotaan gaggeeffamu kun deemsa qorannaa jabaa gargaaramuun Amerikaaf falmuu hin dandeenye jedhan.

Traamp Twitter irratti akka barreessanti koreen kun qorannaa gad fageenya qabu kan baatii 14 fudhatee sana booda duula Traamp fi dhiibbaa Raashiyaan geesiifte jedhame sana gidduu hidhatii jiraachuu isaa ragaan agarsiisu akka hin jirre murteesse jedhan.

Hoggantuun Demokraatoota mana marii bakka bu’ootaa Naansii Paloosii akka jedhanti murtiin Ripaablikaanootaa kun qorannaa Raashiyaa irratti gaggeeffamu danqee akkasumas fi gidduu seene jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG