WASHINGTON, DC —
Waggaa keessa jirru 2018 baatii Amajjii kaasee hanga dhuma waggaa baatii Muddeetti lammiwwan Itiyoophiyaa Miliyoona 8 ta’an gargaarsii dhala namaa kan isaan barbaachisu ta’uun ibsamee jira.
Fedhii namoota gargaarsa kana barbaadanii guutuuf Doolaara Biliyoona 1.4 akka barbaachisu ibsame.Gaaffiin gargaarsa dhala namaa kun biyyattiin tasgabeessuu fi nagaan akka bu’u gochuuf carraaqqii godhamu cina deemuu qaba jechuun bakka bu’an Tokkummaa Mootummotaa beeksisee jira .