Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Prezidaantii Keniyaa Irratti Polisiin Namoota Heedduu Ajjesee.: Hiyumaan Raaytis Waach


Keniyaa keessatti bara darbee filannoo gaggeeffame waliin wal qabatee lakkoobsi namoota du’anii 100 ka caaluu ta’u gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach gabaasee jira.

Gareen kunii fi kanneen biroon kabajamuu mirga dhala namaaf falman akka jedhanti namoonni kun irra jireessi isaanii polisotaan ajjefaman.

Maatiin namoota ajjeefaman kanaa murtiin haqaa akka kennamuuf kan gaafataa jiran ta’uus garu gaaffiin keenya kun dhageettii ni argata ta’e hin beeknu jedhu.

Bitooteessa 9 bara 2018 prezidaant Uhuruu Keenyaattaa fi hogganaan mormituu Raa’ilaa Odinagaa harka wal qabuun fedhii biyyatti irratti hirkachuun adda addummaa keenya irratti hojjanna jedhanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG