Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Angawaa Biraa Ari’uuf Jedhu: Gaazexaa Waashingtan Post


H.R Mc Master, gorsaa waa’ee nageenyaa
H.R Mc Master, gorsaa waa’ee nageenyaa

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Donald Traamp H.R Mc Master gorsaa waa’ee nageenyaa ari’uuf murteessuu isaanii Gaazexaan Waashingtan Post kamiisa kaleessaa gabaasee jira.

Gaazexaan kun akka jedhutti Traamp kana labsuuf ariifachuu hin feene.Sababaan isaas jeneraala waraanaa ka sadarkaa olaanaan kana qaaneessuu hin feene

Mc Maater..n aangoo irraa kaasuun kun bulchiinsii sadarkaa olaanaa kan prezidaant Traamp keessatti raafama jabaa jiru keessaa qaama tokko jedhamee jira.

Angawaan kun ari’amuun aangawoonni ka biroon Waayit Haawus keessaa akka hin gadhiifneef sodaa uumee jira jedha Gaazexaan Waashingtan Post.

Traamp Kamiisa kaleessa oduu gabaastotaaf akka ibsanti yeroo hundumaa jijjiramnii jira.Isinis jijjirama arguu feetu jedheen yaada jedhan.

Aniis kanneen yaada adda addaa qaban arguun fedha jedhu prezidaantiichi Amerikaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG