Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Hacuuccaa Oofu Dhaabuu Qaba: Arena Tigraay


Ithioophyaa keessatti mul’atee kan jiru rakkoo siyaasaa ilaalchisuu dhaan koreen Arena Tigray deggeru teleconference qopheessee irratti deggertoota, hayyoota gameeyyii affeeraman, daragaggoota hedduu dabalatee lammiiwwan Tigray dhibbaan laka’aman marii irratti hirmaatan geggeessuu dhaan ibsa ejjennoo fi murtii dabarsuu isaa beeksisee jira.

Akkuma kanaan mootummaan yeroo ammaa aangoo irra jiru uummata sanyiin addaan qooduun ofii isaa lubbuu dheereffachuuf jecha sagalee uummataa dhaga’uu dhiisee huuruu qawween dhiiga lammiiwwan qulqulluu dhangalaasaa jira jedha ibsi ba’e kun.

Sa’aatilee dheeraaf telekonfernensii kana irratti marii erga geggeesseen booda ibsa ejjennoo qabxiilee afur qabu dabarsee jira. Uummati Tigraayis jibbiinsaaf giddu galeessa akka ta’u sababaa ta’eera jedha ibsi kun. Ibsi ejjennoo sunis

1ffaa: Uummati Tigraay bittaa gabrummaa fi dhaabbiitti hidhaa keessa bu’e keessaa ba’uuf qabsoo qindoominaan inni geggeessu cina dhaabanna.

2ffaa: Arreenaa Tigraa humna cimaa ta’ee akka jabaatu gochuuf gama maraan maallaqaanis haa ta’u yaadaa fi hamilee dhaan bira dhaabachuuf murteessinee jirra.

3ffaa: Sirna gara jabeessa kanaan kanneen miidhaan irra ga’uu dhaan Tigraay keessatti

mana hidhaa dukkanaa keessatti dararamaa kanneen jiran miseensota Arrenaa Tigraay fi hidhamtoota yaada sammuu kanneen biroon haal duree tokko malee hatattamaan akka hiikaman gaafanna.

4ffaa: Labsiin yeroo muddamaa biyyattii gara jeeqama hamaa fi dhiiga walii dhangalaasuutti akka seentu waan godhuuf hatattamaan akka ka’u gaafannaa jedha kan biyyootii alaa jiraatan ibsi ejjennoo fi murtii miseenostaa fi deggertoota Arreenaa Tigraay.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG