Haleellaan humna qilleensaa Yunaayitid Isteets torban kana keessa Somaaliyaa gama Kibbaa keessatti geggeessite, hidhattoota Al-shabaab lama ajjeessuu fi ka biroo sadii madeessuu, Waaltaan Ajaja Waraanaa Yunayitid Isteetes, kan damee Afrikaa – AFRICOM beeksisee jira.
AFRICOM ibsa har’a baaseen akka jedhutti, magaalaa qonnaa Moqdishoo irraa gama Kibba Lixaatti argamtu – Mubaarak cinatti geggeessame haleellaan sun. Haleellaaleen Yunaayitid Isteetsiin geggeessaman irra jiriin isaanii, kutaa sana keessatti geggeessaman.
Haleellaan humna qilleensaa Wixata ganama geggessame sun kallattiin eenyutti akka xiyyeeffate ifatti himamuu dhaa baate iyyuu, mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin wal-gargaaruun haleellichi geggeessamuu dubbate – AFRICOM.
Haleellaan dheengaddaa kun, waggaa kana keessatti qofa haleellaa humna qilleensaa Yunaayitid Isteets Somaaliyaa keessatti geggeessite ja’affaa ta’uu isaa ti. Haleellaaleen kun walumaa-galatti hidhattoota Al-shabaab 17 ajjeesan.