Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walii-galtee Nagaa fi Araaraa Baamaakoo Hojjiirra Oolchuuf Tattaaffii Jiru Gufuun Muudachun Himame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Walii-galtee nagaa fi araaraa Baamaakoo keessatti hojii irra oolchuuf carraaqqii Maaliin gochaa jirtu irratti doorsisni gurmuulee fiinxaaleyyii biyyattii tasgabbii dhabsiisaniin geggeessamu ittuma fufee jira – jedhu – ogeessi Tokkummaa Mootummootaa tokko dubbatanii jiran.

Dhiheenya kana Maalii daawwatanii ka diibi’an - qorataan dhuunfaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – Sulimaan Baldoo, walii-galtee nagaa fi araaraa hojii irra oolchuu ilaachisee, tarkaanfiileen gaarii fudhatamanii jiran, garuu haalli nageenya biyyattii keessaa gadi adeemaa deemuun abdii jiru gara boodaatti harkise – jechuun Gumii Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootumootaaf gabaasaa dhiheessan.

Kutaa walakkeessa biyyattii MOPTII keessatti haallii mul’atu kan nama jeequ tahuu kan gabaasan – qorataan mirga namoomaa Tokkummaa Mootummootaa kun, “gurmuuleen finxaaleyyii amantii, akka ofii ilaalanii fi hiikkatanitti Islaamummaa waan baay’ee irraa jiraattota ugguru dirqamaan irratti fe’uuf uumata doorsisaa jiru.” Haleellaan guyyaa dhaa guyyaattii gurmuulee kanaan geggeessaman, humnoota sadarkaa Addunyaa, akka humnoota Tokkummaa Mootummootaa faatti ka fuuleffate ta’uu dubbatan – qorataan kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG