Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaatti Ijoollee Durbaa Baatii Dabre Gurmuu Bookoo Haraamiin Butamanii Fudhataman Keessaa Harki Caalaan Deebifaman


Ijoolleen durbaa baatii dabre keessaa kutaa Naayijeeriyaa gama Kaaba-bahaa magaalaa Daapchii keessaa gurmuu Bookoo Haraamiin butamanii fudhataman deebisamanii jiran – jedha – Mootummaan Naayijeeriyaa.

Akka Moootummichi jedhutti, kanneen gara baatii tokkoo dura magaalattii keessaa murna Bokoo Haraamiin butamanii fudhataman barattoota durbaa 110 keessaa irra jiriin isaanii har’a ganama deebisamanii jiran.

Maddi oduu Ajaans Fraans Prees akka gabaasetti, ijoolleen durbaa sun, namoota isaan butan sanaan - konkolaatota eegumsaan geggeessaman sagaliin fidamanii, lafa qonnaa bal’aa ka kutaa Yoobee, magaalaa Dapchii biratti gad-lakkisaman.

Ijoolleen durbaa shan karaa irratti du’uu isaanii dubbatu – gabaasaaleen oduu adda addaa. Mootummaan garuu, oduun kun hin mirkanoofne – jedha.

Qaamota michoota Naayijeeriyaa ta’aniin carraaqqii godhameen, ijoolleen kun gad-lakkisamuu dubbatu – Ministarri Odeeffannoo Naayijeeriyaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG