WAASHINGITAN, DIISII —
Hidhataa Faransaayii keessatti yoo xiqqaate lubbuu nama sadii galaafate polisoonni biyyatti ajjesuu ministriin haajaa biyya keessaa kan biyyatti beeksisee jira.
Prezidaantiin Faransaayii Immanual MaKron akka jedhanti ragaan jiran akka agarsiisanti tarkaanfii hidhataan kun fhudhate gocha shoroorkaatti akka ilaalamuuf gochaa jira.
Polisiin biyyattii akka jedhutti aangawoonni nageenya biyyaa shakkamaa sana marsanii eega turanii booda suparmarkeetii inni keessatti namoota iggitee jiru cabsanii seenuun hidhataa sana ajjesan.Faransaayiin erga bara 2015 as yeroo hedduuf haleellaa shoroorkeessotaaf waan saxilamteef jecha of-eeggannaa sadarkaa olaanaa irra jirti.