Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Gareen Hutii Yaman Saawudii Arabiyaa Irratti geggeesse Yunaaytid Isteets Balaaleffatte


Gareen Hutii, ka biyya Yemen keessaa haleellaa Misaahelaa magaalaalee Saawudii Arabiyaa irratti geggeesse, Yunaayitid Isteets balaaleffattee jirti.

Ministiriin dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, ibsa har’a baaseen, “michoonni Saawudii Arabiyaa, haalawwan sodaachisoo akkanaa irraa daangaa biyya isaanii eeggachuu fi of irraa faccisuuf mirga qaban ni deggerra” jedhan.

Misaahela Baalaastik gargaarsa Iraaniin finciltoota Hutiitiin dhukaasame jedhame irraa, faca’aan magaalaa Riyaad keessatti nama tokko ajjeesee, ka biroo lama madeesse – jedhama. Kanneen haleellaa kanaan miidhaman, lammiwwan Masrii ganda magaalattii keessa jiraatan tahuu tu himame.

Humni qilleensaa Saawudii Arabiyaa, kanneen magaalaa Riyaadii fi magaalaalee biyyattii ka biroo sadiitti xiyyeeffatanii dhukaasaman – misaaheloota toorba fashalsiisuu isaa dubbate.

Dhohinsa cimaa fi balaqqee guddaa samii irratti arguu dubbatu – namoonni naannoo turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG