Yunaayitid Isteets, har’a, dippiloomaatota Raashiyaa 60 basaastummaatiin baleeleffatte akka torban tokko keessatti biyyattii gad-lakkisanii bahan ajajjee jirti.
Salisbariii, Biriteen keessatti haleellaa Keemikaala farra-nervii lammii Raashiyaa hojii basaasaa gam-lamatti hojjetaa turee fi intala isaa irratti gaafa Bitootessa toorbaa Raashiyaan geggeessiteef deebii kennuuf – Faransaay, Jarmanii fi Poolaand dabalee, michoonni Yunaayitid Isteets ka biroonis tarkaanfii wal-fakkaataa fudhataa jiran.
Qoonsilaa Raashiyaa Yunaayitid Isteets keessaa cufuu dabalee – tarkaanfiin Yunaayitid Isteets Raashiyaa irratti fudhatte kun, seera uggura meeshaalee keemikaalee fi seera sadarkaa Addunyaa cabsuu isheetiif deebii kennuuf akka tahe dubbate – Ministriin dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.
Briteenii fi biyyoonni miseensota NATO tahan ka biroonis, haleellaa meeshaa keemikaalaan geggeessame sanaaf, Raashiyaa balaaleffatan.
Qoonsilaan Raashiyaa, ka Siyaatil jiru – gaaafa Ebla lamaa irraa jalqabee akka cufamu ajajje – Yunaayitid Isteets.