Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mugaabeen 'gochaa gantummaa' fi humnaan taayitaa irraa isaan buusuutiin Prezidaant Minaangaagiwaa balaaleffa


Ka taayitaa irraa buusaman – Prezidaantiin Zimbaabuwee – Roobert Mugaabee, filannoo bara kanaa keessa jiraachuu dhaa baatan iyyuu, Preizidaant Emerson Minaangaagiwaa, gaaddiidduu hoogganicha waggaa 94 jalatti duula na-filadhaa geggeessuuf deemu – jedhu – xiinxaltoonni.

Prezidaantichi duraanii – Roobert Mugaabee, ega taayitaa irraa buusamanii booda yeroo duraatiif ibsa tuta gaazzexeessotaaf kennaniin, gochaa gantummaa fi humnaan taayitaa irraa isaan buusuutiin – Prezidaant Minaangaagiwaa balaaleffachuun yeroo isaanii irra caalaa fixan.

“Ani Emerson irraa jibba hin qabu. Ana tu gara mootummaatti isa fide. Waliin dubbachuudhaaf, dura sirnaan waamamuun qaba.” jedhan – Mugaabeen.

“Prezidaantiin duraanii, waa’ee gochaalee isaanii adda addaa dubbataa turan. Wanni qabatamaa fi dhugaan yeroo dhihootti beekama. Wanna Miidiyaan jedhutti gammachuu hin qabnu. Garuu, waan hundumaa xiinxalaa jirra” jedhan.

Achii bhooda, paartiin Mugaabeen bara 1960 hundeessan – ZANU-PF prezidaanticha duraanii balaaleffate.

Dameen dargaggootaa, kan ZANU-PF, “Mugaabeen haa barbadaa’u” jechuun balaaleffate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG