Lammiwwan Masrii, filannoo biyyoolessaa kan Prezidaantiin biyyattii – Abdul-Fattaa Al-siisii akka injifatan eegamaa jiruuf har’a sagalee kennaa oolan.
Deggertoonni prezidaantichaa gama tokkoon faarsan iyyuu, kanneen prezidaanticha mormuun gadda isaanii mul’isanii fi kanneen filamnnoo har’aatti hirmaachuuf fedhii hin qabne illee beekamaa dha.
Har’a yeroo filannoon geggeessamaa turetti, deggertoonni prezidaantichaa, har’a, Waltajjii Xaahir, kan magaalaa Kaayiroo keessaatti yaa’uudhaan deggersa isaanii dhageessisaa turan – jedhama.
Prezidaant El Siisiin, bakka tokkotti ennaa sagalee kennanii fi fuula ifaadhaan, qondaalota filannoo harka fuudhan mul’atee ture.
Namoota har’a bahanii sagalee kennan keessaa, “Ashraaf” namni jedhamu, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kenneen, haalli Masrii kallattii qajeelaatti ka deemaa jiru tahuu dubbata.