Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Ambaasaaddaroota Biyya Ishee Keessaa Jiran Hanga Tokko Waamte


Ambaasaadarri Biyya Ingilizii, Laawuree Bristoow harra ministira Haajaa Alaa Raashiyaati yeroo bahan
Ambaasaadarri Biyya Ingilizii, Laawuree Bristoow harra ministira Haajaa Alaa Raashiyaati yeroo bahan

Ministriin haajaa alaa Raashiyaa biyya isaa keessa ka jiran Ambaasaadaroota biyya alaa kannen Diploomaatoota Raashiyaa biyya ofii keessaa ari’an waamee jira.

Kunis Diploomaatoota Raashiyaa biyya isaanii keessaa ari’uun sirrii akka hin taane itti himuun akkasumas Raashiyaanis tarkaanfii haaloo ba’insaa akka fudhattu beeksisuuf ta’uun ibsamee jira.

Raashiyaatti Ambaasaaddarri Jarmanii waajiira ministrii dantaa alaa Raashiyaati gaafa ba’an kan mul’atan yoo ta’u Ambaasaadaronni Neezerlaands, Yukreen,Faransaayii,Xaaliyaanii fi Polaand mooraa waajirichaa seenaa turan jedhama.

Raashiyaan Diploomaatoota Amerikaa biyya ofii keessaa aritee haaloo ba’uu isheef sababaan kenname akka hin jirre waashingtan kaleessa ibsamee ture.Tarkaanfiin Raashiyaa kun hariiroon biyyoota lamaan gidduu gad adeemaa akka jiru agarsiisa jedha Waayit Haawus.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG