Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siriyaa Keessatti Looltuun Amerikaa fi Kan Biraa Ajjefaman


Siriyaa keessa ka jiran miseensoota waraana wal taatotaa keessaa lammiin Amerikaa tokko fi ka biraa lammii biyya kami akka ta’e kan hin ibsamiin ajjefamuu fi kanneen biroo 5 madaa’uu waraanni Yunaaytid Isteetes beeksisee jira.

Kunis Kamiisa kaleessaa galgala bombii daandii cina awwaalame dhohee ta’uun beekamee jira.Balaan kun Siriyaa gama kaabaa Manbij keessatti dhaqqabuu aangawoonni Amerikaa lama kan maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan ibsanii jiru.

Dubbii himaan waraana Amerikaa Koloneel Ryan Dillion balaa kanaaf eenyuu itti gaafatama akka ta’e hanga qorannaan guutuummaatti xumuramuutti hin dubbannu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG