Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Israa’eel fi Gaazaa irratti humnootiin nageenyaa kan Israa’eel yoo xiqqaate Falisxinoota 6 ajjesanii dhibba hedduu madeessuu isaanii ministriin eegumsa fayyaa beeksisee jira.

Waraanni Israa’eel akka jedhutti naannoo daangaatti hiriira Faalisxinoonni ba’an guddicha facaasuuf akkasumas tasgabii akka bu’u gochuuf toftaa gargaaru fayyadaman.

Hokkarri kun kan uumamees Falisxinoonni kuma hedduun daangaatti qajeelaa yeroo turanti.Namoota warra jalqaba dhagaa darbachaa fi Gommaa Ibiddi itti qabate gargaaramaa turan irratti Waraanni Israa’eel tarkaanfii fudhachuu isaa ibse.

Ministriin eegumsa fayyaa akka jedhutti looltonni Israa’eel Rasaasa fi Gaaza himiimaansuu akkasumas meeshaa sibiila irraa hojjatamee laastikaan aguugame gargaaramuun nama 6 ajjesanii kanneen yoo xiqqaate 550 ta’an madeesse.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG