Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Meksiikoo Godaantota Biyyoota Amerikaa Giddu-galeessaati Ehama Baqattummaa Ka Kennu Tahuu Beeksise


Mootummaan Meksiikoo, godaantota biyyoota Amerikaa giddu-galeessaa konkolaataa hedduun deeman, kanneen ulaagaa guutaniif ehama baqattummaa ka kennu tahuu beeksisee jira.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, dhaamsa Twiteriin dabarsan irratti, waa’ee daangaa isaanii cimsuuu ka ubbatan eega rifaatuu guddaa uumee booda kana dubbate – mootummaan Meksiikoo.

Ministiriin dhimma biyya keessaa fi ka dhimma-alaa Meksiikoo ibsa har’a baasaniin akka jedhaniiti, baqattoonni konkolaataa hedduun yaa’an kun irra-jireessi isaanii biyyoota Ameerikaa giddu-galaa akka Guwaatimaalaa, Hunduraas fi Il-salvaadoor irraa gara sanatti deeman.

Kanneen haala rakkisaa biyyoota isaanii keessaa dheessaniif akka ilaalchi kennamu gochuuf – bara 2010s imala akkanaa godhanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG