Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Vilaadmiir Puutiin Wajjiin Walga’uuf Iddoon Miijawaan Waayit Hawus: Saaraa Hakabii


Ministarittiin preesii, kan Waayhit Haawus – Saaraa Hakabii Saanders, prezidaant Traamp, hoogganaa Raashiyaa – Vilaadmiir Puutiin wajjiin walga’uuf iddoon miijawaan Waayit Hawus tahuu yaada dhiheessuu isaanii dubbatan.

Bitootessa digdama dabre, hoogganoota biyyoota lameenii gidduutti haasawa telefoonaa geggeessame irratti yaada kana dhiheessan – Prezidaant Traamp. Haasawa telefoonaa sanaa booda kana kana dubbatan – Traamp, walga’iin isaanii Mr. Puutin wajjinii yeroo fagootti akka hin taane beeksisan.

Garuu, waa’ee karoora haasawa hoogganoota lameenii waan achii booda tahe akka hin jirree fi waan daran ibsan akkka hin qabne gaazzessota hubachiisan – dubbi-himtuun Waayit Haawus kun.

Qondaalli mana-mootummaa Raashiyaa, kan Kiremiliin – Yuurii Ushaakoov, Traamp hoogganicha Raashiyaa – Puutiiniin gara Waayit Haawusitti afeeruuf yaada dhiheessuu isanaii dubbatanii jiran.

Traamp, duula filatamuu isaanii fi Raashiyaa gidduu hidhatni jiraachuu fi jiraachuu-dhaba – qorataa addaan qoratamaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG