Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetsii fi Chaayinaa Dhimma Daldalaa Irratti Jechoota Jajjabaa Walitti Deddeebisaa Jiran


Dhimma daldalaa irratti eega Yunaayitid Isteetsii fi Chaayinaa gidduutti wal-dhabinsi uumamee booda, biyyoonni lameen jechoota jajjabaa walitti deddeebisaa jiran. Garuu, lameenuu dhimmi isaa akka to’annaa dhaa ala hin baane dubbatu.

Kun ta’e iyyuu, xiinxaltoonni garuu, haalli biyyoota lameen gidduu sadarkaa hamaa irra akka gahee jiru akeekkachiisan.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Domnaald Traamp, meeshaalee biyyoota alaa tii gara Yunaayitid Isteets gaflfaman irratti Taarifa yokaan dilaala muramu labsuuf jiru – jedhamee eegama.

Kun immoo imaammata Chaayinaan teknooloojii gara Yunaayitid Isteets dabarsuu fi bu’aa beekmsaa sammuu hatuu ooftu adabuuf meeshaa taha, jedhama. Otuun haalli kanaan jiruu, biyyoota lameen gidduutti akka mariin geggeessamu dhiibbaan godhamaa jira. Garuu, haga ammaatti tarkaanfiin gama kanatti fudhatame hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG