Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galtummaa Seeraan Alaa Tarkaanfii Cimaa Barbaada: Prezidaant Traamp


Bulchiinsi prezidaantiin US Doonaald Traamp immigration ilaalchisee trkaanfii cimaa kan fudhatan ta’uu beeksise.

Traamp yaada kana kan kennan har’a ganama barii ergaa tweeter maxxansaniin yoo ta’u, tarkaanfii karoorfatan garuu hin ibsine.

Haa ta’u malee Traamp seerri daangaa US ilaalchisee jiru baay’ee dadhabaa dha jechuu dhaan kan Mexico fi Canada garuu hedduu cimaa dha jedhan.

Prezidaantichi yaada kana kan kennan koolu galtummaa seeraan alaa dhaabsisuuf daangaa Mexico waliin jiru irratti loltoota akka bobbaasan tuuta oduuf ibsa kennanii guyyaa tokko booda.

Prezidaantii fi miseensonni kaabinee, ministrii ittisaa Jim Mattis, ministeera nageenya biyyoolessaa Kirstjen Nielsen fi abbaa alangaa muummicha Jeff Sessions dabalatee tarsiimoo bulchiinsichaa akka qoratan ibsi kennameeraaf.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG