Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Ameerikaa Siiriyaatti Bobbaafaman Biyyatti Deebisamuuf Jiru: White House


Jiddu seeninisi Ameerikaa kan Siiriyaa keessaa xmuratti dhiyaachuun gabaasamus prezidaant Doonaald Traamp humnootiin US gamasii biyyatti akka deebi’an irra deddeebi’un dubbatanis White House yoom akka ta’e dubbachuuf tole hin jedhin hafe.

Gurmuun waraanaa kan ISIS kan Siiriyaa keessaa dhabamsiisuun gareen kun barbadaa’uutti waan dhiyaateef dhumatuuf jira jechuu dhaan White House har’a ibsa kenneen beekiseera.

Itti fufees US fi michoonni ishee garee xiqqaa ISIS kan Siiriyaa keessaa kan humnootiin keenya duruu barbadeessan dhabamsiisuuf cicha qabu jedha ibsichi. Karoora hegeree ilaalchisees michoota keenya waliin mari’achuu itti fufna jedha.

Kun kan dhaga’ame erga prezidaant Traamp loltoota keenya mara biyyattan deebisa jedhanii fi prezidaantii Ferensaay Emmanuel Macron, mooticha Saaudii Salman bin Abdulaziz fi muummicha ministeeraa Israael Benjamin Natanyaahuu waliin bilbilaan mari’atanii booda. US tattaaffii IS mancaasuuf ta’u keessatti hirmaachuuf loltoota kuma lama Siiriyaa keessaa qabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG