Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Meeshaalee Ameerikaa Biyya Ishee Seenan Irratti Taarifa Dabalte


Chyinaan kan US meeshaalee ishee gurgurtaa irra taarifa guddaa keesseef deebii kennuuf jecha meeshaalee US irra taarifa doolaara biyliyoona 50 kaa’uuf karoorfachuu ishee har’a labsitee jirti.

Trakaanfii Chayinaan fudhatte kun meeshaalee US biyya ishee seenan konkolaataa fi xayyaara dabalatee meeshaalee Ameerikaa 106tti taarifa dabala.

Ministeerri dhimma daldalaa Chaayinaa Ameerikaan meeshaalee biyya isaa irra taarifa keessee sa’aatilee 11 booda tarkaanfii ofii isaa fudhate.

Prezidaant Doonaald Traamp baatii darbe meeshaalee Chaayinaa dhaa galan irra taarifa doolaara biliyoona shantamaa kaa’uuf kan barbaadan ta’uu labsanii jiran.

Kibxata kaleessaa immoo bakka bu’aan dhimma daldalaa US meeshaalee hawaa dabalatee, meeshaalee wal’aansa fayyaa fi IT ykn teeknooloojii odeeffannoo toora meeshaalee 1300 tarreessanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG