Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Barrisuu dadhabnaan utaali,utaalu dadhabdu deemi, yoo deemullee dadhabde loo’i woma taateefuu durumatti mumunyuuqi"


Kuusaa suuralee:Hiriira mormii,Waashingiton DC keessatti bahan ka Kingi irratti dubbae keessaa tokko
Kuusaa suuralee:Hiriira mormii,Waashingiton DC keessatti bahan ka Kingi irratti dubbae keessaa tokko

Amerikaatti ganna 50essoo Maartin Luuter Kingi itti galaafatan hardha yaadannoo galataa fi yaadannoon kabajaniif
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:58 0:00


Ebla 4,1968 ganna 50n duratti Amerikaan nama jabaa,jabaa akka sibiilaa dhabde.Hujiin namii jabaan kun hojjate addunyaan hardhallee akkuma durii faarsiti.

Dr.Maartin Luuter Kingi qabsaahaa mirga namaati.Keessatti ummata gurraacha Amerikaa ka Afrikaa guurratanii Amerikaatti garba tolfatanii akka horii gabayaatti oofanii gurgurachaa bahaniif qabsaahe.

Mammaassa Dr.Maartin luuter Kingiin beekan keessaa;

  • Ifa malee dukkantii dukkana hin balleessutu
  • Jibba jaalalaan balleessaan malee jibbana hin balleesan
  • Ani jaalala filadhee maan jennaan jibba akka malee ulfaataa baachuuuyyuu hin dandahuuyyuu
  • Barrisuu dadhabnaan cehi,cehuu ddhabmnana deemi, deemu dadhabanaan loo’I woma taateefuu duraumatti mumunyuuqi
  • Muummee irratti jecha nyaapha keennaa caala calleessa hairyaa teennaatti irra nu miidha

Amerikaatti hardha guyyaan ka Maartin Luuter Kingiiti.Waan innii durii biyyaa hojjate,dubbii innii dubbatee,waan inni jedheen faarsaa suniin hojjachaa karaa qabsoon nagaa itti deemuu malte irratti karoora baafatan.

Maartin Luter King qabsaaha mirga namaaq,paasterii mana amantii kirtisaanaa Ebala 4,1968 King was shot and killed while standing on a balcony outside the balbala moteelii Larraine,godian Tenesii magaalaa Memphes dura dhaabatu galaaatan.

Tun inatala isaa ta maandhaa. Dr. Berince Kingiiti. “Abbaa keenna rasaasa namaatiin dhamne. Akaakuu keenna akka mamaatiin harkoo keesastti dhamne.Maan jennaan waan ijjeehcaa tanaa waan beekuuf.”

Ilmii Dr.King sadeessoon ammoo akkana jedha.

"Dhiyoo tana gurbaa tokko ka bilbila harkaa qabu Sakramento keessatti galfaatan argine.Dhugaan argamuu malte.Dhguaa tana ammoo ammuma feeana.”

Abbaan ijoollee tanaalleen dhugaan jiraachuu maltee namii wa balleesse balleessaaf gaafatamuu male jechaa lubbuu dhabe.

Dr.Kingi du'uun duratti akkana jedhe "Guyyaa jajjabaatti nu dura jira wannii feetelleen jiraattu ani womaattu hin daaru. Maan jennaan ani fiixee gaaraa gubbaa jira. Anilleen akkuma namaa lubbuu buluu fedha. Taatullee sunii jedhee hin wareeu.Hujuma waaqaa qofa hojjachuu fedha.Akka ani fiixee gaaraatti bahee kooffee gadi laalu na tolche.Kooffee suni gadi laalee lafa waaqii naa kenne arge.Waliin lafa sun hin geennu fa taaana.Taatullee akka gumiitti lafa waaqii nuu qoode sun hinuma geenna.”

Maartin Luuter King yoo waan dabaa nama gurraach irratti hojjatan dubbatu bara nama gurraacha akka horii gabayaatti baasani gurguratan kaan akkana jechaa bahe.

“Adii fi gurraacha hin jennuu akka ilmee namaatti bara tokko akka ilmaan waaqii uumeetti harka wal qabannee waliin jiraana,” jedhee bara jibbaatti jaalala faarsaa bahe.

Eegii ijjeesanii ganna 50 asilleetti hardhallee waan Maartin Luuter kingi jedhee addunyaan faarsiteefii galateeffachuu guyyaa tokko isaa kennitee ulfeessuutti jirti.

Ijoollee isaatii fi ummati bal’aanuu waan innii lubbuu itti dhabe,keessattu ummatii gurraachii Amerikaa waan innii jaraaf jedhee lubbuu itti dhabe maan eessattiin deemuutti jiraan woma namuu wal gaafatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG