Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantota Afrikaa Kuma 40 ol Ta'ani Israa’el Ammallee Furmaata Hin Kennine


Yeroo Israa’el godaantota Afrikaa gara biyyoota isaaniitti deebisuuf murtii ishee deebistee haaressite kanatti, lammiwwan Afrikaa Israa’el keessa jiraatan kuma afurtamaa ol tahan, egereen isaanii haala yaaddessaa keessa jira.

Dura, muummichi-ministaraa Israa’el – Benjaamin Netanyaahuu, biyyi isaanii dhimma kana keessa deebitee fooyyessuuf, Jaarmayaa baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa yokaan UNHCR wajjiin walii-galtee irra gahuu ishee ka dubbatanii turan yoo tahu, akka walii-galtee sanaatti silaa baqattoonni Afrikaa kuma kudha-jaha tahan gara biyyoota Addunyaa gama Dhihaatti ergaman. Kanneen kuma digdama tahan immoo achuma Israa’el keessatti hafanii ehamni kennamaaf ture.

Walii-galteen yeroo xiqqoodhaaf godaantota gammachiise iyyuu, guyyaa lammataa immoo, walii-galtee kana diiguu isaanii beeksisan – Netanyaahuun.

Baqattoonni Israa’el keessaa kun irra-jireessi, kanneen waggoota kurna dabran keessa Ertiraa fi Sudaan irraa gara sanatti baqatani.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG