Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan-yaa’iin Paarlaamaa Somaaliyaa Taayitaa Gadhiisan


Afaan-yaa’ii Paarlaamaa Somaaliyaa, Mohammed Osmaan Jawaarii, eega torbanneen sadi’iif, muummicha-ministaraa biyyattii waliin falmii aangoo siyaasaa geggeessaa turanii booda, ofiin taayitaa gad-lakkisuu isaanii aangawoonni dubbatanii jiran.

Ministarri dhimma-heeraa Somaaliyaa, Abduraahimaan Hosh Jibril – afaan-yaa’ichi Jawaariin taayita gad-lakkisuuf iyyannoo galfachuu isaanii, fuula Twiterii irratti barreessuun beeksisanii jiran.

Miseensi paarlaamaa – Huseen Arab Isee illee, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa,m kutaa Afaan Somaaleef ibsa kennaniin, Mr. Jawaariin, dhuguma, taayitaa gad-lakkisan – jechuun mirkaneessan. Jawaariin tarkaanfii kana fudhachuuf, gorsa prezidaantii biyyattii ilaalcha keessa galchuu isaanii illee dubbatan.

Miseensonni paarlaamaa biyyattii kanneen muummicha-ministaraa biyyattii Hasan Alii Kaa’iree deggeran akka jedhanitti, “Jawaariin seerrata paarlaamaa cabsuudhaan, dhiimmoota seeraa boodatti harkise” jechuun qeeqan.

Jawaariin garuu, balaaleffannaa kana haaluudhaan, waajira muummicha-ministaraa irraa dhiibbaan irratti godhamuu dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG