Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets Siiriyaa Laalchisee


Ministarri Ittisaa, ka Yunaayitid Isteets – Jim Maatis, biyyi isaanii, tarkaanfii waraanaa Siiriyaa irratti fudhachuu akka filannoo ishee keessaa hin haqiin dubbatan.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, “haleellaa keemikaalaa gara-jabinaan Sanbata dabre” Siiriyaa keessatti balaaleffachudhaan, “kun gatii guddaa baasisu qaba” jechuudhaan eega dubbatanii booda – hogganichi Pentaagoon kan kana dubbatan.
“Gaaffiin jalqabaa, Raashiyaan meeshaalee Niyuukilaraa guutummaatti biyya sana keessaa baasuuf, otuu waadaa seentee jirtuu akkamitti ammallee meehsaa sanatti fayyadamaa jiru? – ka jedhu,” jedhan – Mr. Maatis.

Yunaayitid Isteets, waahiloota ishee fi michoota ishee ka NATO waliin akka dubbataa jirtu kan eeran – Maatis, dhimma kanaaf deebiin akkamii akka kennamu ka yeroo dheeraatti beeksisan tahuu dubbatu.

Kaleessa gara galgalaa, Waayit Haawus, Doonaald Traampii fi prezidaantiin Farasaay – Emaanu’eel Maakroon haleellaa Keemikaalaa Siiriyaa keessatti geggeessame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG