Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Mariif Fedhii Agarsiisuu Yunaaytid Isteets Mirkaneeffatte Jedhame


Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa – Kim Jong Un, waa’ee dugdee Kooriyaa meeshaa niyuukilaraa irraa walaba gochuu mari’achuu fedhii agarsiisuu isaanii Yunaayitid Isteets mirkaneeffattee jirti, jedhu aangawaan bulchiinsa prezidaant Traamp tokko.

Kooriyaa Kaabaa, baatii dabre keessa waa’ee walga’ii kanaa eega dhiheessitee booda, hoogganichi biyyattii - Kim Jong Un kallattiidhaan prezidaant Traamp wajjiin walga’uuf fedhii qabaachuu mallattoo qabatamaa agarsiisuun kun ka jalqabaa ti.

Traamp, baatii Caamsaa dura, Kim Jong Un wajjiin walga’uu akka fedhan dubbatanii jiran. Garuu, ajandaa fi iddoo marii isaanii dabalee waa’een marii hoogganoota lameenii waan bal’inaan ibsame hin jiru.

Aangawoonni Yunaayitid Iseets akka jedhanitti, aangawoota Waashington fi ka Piyoong-yaang gidduu wal-quunnamtiin iccitiidhaan deemaa jiru ni jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG