Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Sudaan Ajaja Kennan


Prezidaantiin Sudaan Omar Al- Bashir hidhamtoonni siyaasaa hundumtuu biyyatti keessaa battalumatti akka gadhiifamaniif ajajauu isaanii dhaabbati oduu mootummaa SUNA har’a ibsee jira.

Gabaasi ba’e akka jedhutti ajajii kun biyyatti keessatti araara, tokkummaa fi nagaa argamsisuuf akka ta’e ibsamee jjira.Kunis hiriira mootummaa mormuu gaggeeffame gad qabuuf jecha namoota hedduu eega hidhamanii booda.

Hidhamtoonni meeqa akka gadhiifaman akkasumas eenyummaan isaanii eenyu akka ta’ehin ibsamne.Sudaan rakkoo sharafa maallaqaa fi qaala’uu jireenyaan rakkataa jirti.Kunis jeequumsa kaasisee jira. Al Bashir baatii darbe namoonni siyaasaa 80 akka hiikamaniif ajaja kennanii turan.Mormitoonni garu amma iyyu kanneen 50 ta’an amma iyyu hidhaa keessa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG