Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fixiinsa Siriyaa Nan Qoradha Jedha Tokkummaan Mootummootaa


Tokkummaan mootummotaa fixiinsa Siriyaa keessatti dhaqqabe garee qoratu gamasitti kan erguuf jiru ta’u har’a beeksisee jira.Ripaablikiin Araboota Siriyaa fi Federeshiniin Raashiyaa himannaa dhiyaate kana akka qoratan dubbataa yeroo jiran kanatti Tokkummaan mootummotaas kana beeksiise

Haleellaa kemikaalaa handaara magaalaa galma mootummaa siriyaa – Damaasqoo cinatti gaggeeffame kan ilaaleen dhugaa jiru eega hubatee booda Amerikaan deebii kennuu maltuu kan beeksisuu ta’u prezidaant Traamp beeksisanii jiru.

Deebiin kennamuus humna guddaan akka ta’u Traamp Wiixata kaleessaa galgala hogganoota waraanaa wajjiin ituu wal hin ga’iin dura dubbatan..

Waayit Haawus har’a akka beeksiseetti prezidaant Traamp imaltuu gara Laatiin Amerikaa gochuuf karoorfatan dhiisan. Kunis deebii Amerikaan Siriyaaf kennuuf jirtu hordofuuf ta’uun beekamee jira.Fixiinsa naannoo riphxee looltootaan to’atamuu kan Ghouta keessatti kemikaalaan dhaqqabeen yoo xiqqaate lubbuu nama 40 galaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG