Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan Yaa’ii Mana Maree Ameerikaa Deebisee Filatamuuf Hin Dorgomu Jedhan


Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaa Paul Ryan filannoo baatii Sadaasaaf kan hin dorgomne ta’uu sabaa himaaleen US gabasaniiru.

Kunis dandeetti Ripuublikaanonni filannoo walakkeessa waggaatti mana maree dhuunfachuu isaanii shakkii keessa buusee jira.

Rayan manni maree inni kun Amajjii keessa yeroon hojii isaa ennaa dhumatu maatii isaanii waliin yeroo dabarsuu waan fedhaniif deebisanii filatamuu akka hin feene kan beeksisan har’a tuuta oduuf ibsa kennani irratti ture.

Hojii kanaaf waanan danda’e mara hojjedheera, kanaaf itti gaafatama kana fudhachuu kootti waanan gaabbu hin qabu jedhan.

Yeroo hedduu kan hariiroon isaan gidduu jiru muddamaa ta’e Traamp ergaa twitter maxxansaniin Rayaaniin galateeffataniiru.

Ripaablikaantichi Wisconsin irraa kan ta’an Rayaan erga bara 2015 qabee afaan yaa’ii mana maree ta’uun tajaajilaa jiran. Mana maree bakka bu’oota uummataa keessaa erga bara 1999 qabee tajaajilaa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG