Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Siiriyaa Irratti Haleellaan Raawwatuu Akka Malu Akeekkachiisan


Humnootiin Siiriyaa misaayiloota gara Siiriyaatti dhukaafaman kamiinuu qilleensa irratti fashalsiisuun kuffisu jechuu dhaan Libanonitti ambaasaaddorri Siiriyaa erga dubbatanii booda prezidaantiin US Doonaald Traamp deebii kennaniiru.

Misaayiloonni sun dhufaa jiru waan ta’eef Siiriyaan qophaa’uu qabdi jedhan Traamp.

Mr. Traamp lammii ofii isaa gaazii summaa’aa dhaan fixuun bineensa isa gammachiisu waliin michummaa uummachuun hin barbaachisu jedhan.

Mooskoon gama isheen deebii kenniteen misaayiloonni US qiyyaafata gochuun kan irra jiraatu shororkeessota malee mootummaa sirnyaa Siiryaa irratti miti jetti.

Dubbi himaan Kremliin Dimitryy Peskoov itti dabaluu dhaan qaamotiin waraana Siiriyaa keessatti hirmaatan martinuu tarkaanfii naannoo sana jeequ kam irraa iyyuu of qusachuu qabu jedhan.

Sabaa himaan Raashiyaas gama isaan doorsisi misaayilaa Ameerikaa haala jiru hammeessuu irraan kan hafe barbaachisaa miti jedhee jira. Erga sambata darbe Gutaa keessatti keemikaalli summaawaan namoota 40 erga galaafatee booda haalli isaa hammaatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG