Prezidaan Doonaald Traamp qorannaa duula filannoo isaanii kan Raashiyaa waliin hidhata qaba jchuun himatame ilaalchisuun geggeessamu malaammaltummaa xumura hin qabaanne jechuun qeeqan. Kunis akka isaan hojii irratti hin fuuleffanne yeroo hedduu fudhate jedhan.
Twiiter dhaan ergaa ganama barii maxxansaniin Traamp akka jedhanitti FBI ykn waajjira qorannoo kan federaalaan kaleessa waajjiraa fi hoteela abukaatoo isaanii dhuunfaa keessa buufate kan Michel Choen weeraruu dhaan galmee maallaqaa fi kan taatoo fiilmii quunnamtii saalaa Stormy Daniel waliin wal qabate kan bara bara 2006 keessa prezidaant Traamp waliin hariiroo jaalalaa dhoksaan qabu jedhameef maallaqa ba’e mul’isu qabaachuu balaaleffatan. Himannaa dhiyaae kanas Traamp haalanii jiran.