Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wiinii Maandellaa,jaartii pirez. Afrikaa Kibbaa ta durii waan hedduun faarsan;haadha biyyaa, jabduu akka sibiilaa,qabsooftuu mirga namaa...


Wiinii Madikizela-Mandela yoo mana jaarsa isii ka durii Nelson Mandellaa Sowetoo jiru duratti gaazexeessitotatti wa himtu. Waxabajjii 28, 2013.
Wiinii Madikizela-Mandela yoo mana jaarsa isii ka durii Nelson Mandellaa Sowetoo jiru duratti gaazexeessitotatti wa himtu. Waxabajjii 28, 2013.

Haatii ijoollee lamaa,Wiinii Maandellaa torbaan duratti ganna 81ti lubbuu dhabde.Ebla 14,2018 magaalaa Johanisbergitti awwaaluuf qophii jiran.

Ummatii Afrikaa Kibbaa hardha bahee nagaa itti dhaamachaa hujiin faarse.

Wiinii Maandella biyya isii garbummaa nama appaartaayid jalaa baasuuf marxifattee ganna hedduu hojjachaa baate.

Warrii nagaa dhaamate kun hujii Wiinii Maandellaa jalqabde fulaan baasuuf waadaa gale

Magaalaa Johaanisbergi keessattu fulaa hedduutti qophii yaadannoo kurnyaa hedduu Wiinii Maandellaaf qopheessanii hojjachuutti jiran.

Wiinii Mandellaa fi jaarsii isii, Nelson Mandellaa ganna 38 akka dhiirsaa fi niitii waliin jiraatanii bara 1996 gargar bahan.Ganna 20 caalaa paarlamaa Afrikaa Kibbaa keessa hojjatte,Wiiniin.

Jaarsii isii nama gurraacha Afrikaa Kibbaatii pirezidaantii tahe ka qaraati ganna 27 hidhameef.Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa ka ammaa Cyril Ramphosa qabsoon Wiiniin jalqabde garagar hin kunnu jedha.

"Du’a aadha teenna Wiiniitii gaddinullee jireenna isiin hujii jabduu fi bu’aa qabdu hojjachuuf jiraatte kabajanee akka namii dhibiin faaydaa keessaa argatu tolchuuf hojjanna jedha.”

Kingsley Makhubela nama jabana appaartaayid keessaa Wiinii Maandellaa waliin qabaasaahaa bahe ganna sagala biyyaa baqatee jiraate.Wiinii Maandellaatiin haadha qabsoo jedha.

Taatullee jaartii Maandellaa ta durii tana waan hedduun himatan, ji'a 18 kophaatti hidhan.

Bara 1989 keessaa daahima ganna 14 tokko nama poolisii oduu guuru jettee dhaantee ijjeefte jedhanii shakkan.

Intalii Wiinii Maandellaa, Chris Hani hadha isii qabsoo haawwanii jalqabsiiftee jettee faarsiti.

"Torbaan kana keessa dhuguma baanee waan hamaatuu haadha teenna, uMaman jedhanitti jira.Warra sabaqunnamtii jettaa bulchoota jetta moo,isumaa jarii isii faarsina jedhuuyyuu woma akkasii dubbata.Nama isii faarsu hin feetu. Haatii teenna nama waan hojjatu beeku.Nama itti afarsuuf hin feetu ibiddallee qoraanuma ufiitiin bobeeffatu.”

Akka paartiin Afrikaa Kibbaa bulchutu ANCtti Wiini Mandellaa hin done hin horte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG