Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Siriyaa Irratti Halleellaa Misaayilaa Oofuun Akka Filannoo Tokkoo Ti: White House


Haleellaa meeshaa keemikaalaa Siiriyaan Raawwatteef deebii kennuun dhiyootti ta’uu mala jechuu dhaan prezidaant Traamp ergaa tweeter erganiin beeksisaniiru.

Prezidaant Traamp akka jedhanitti dhimma kana argaa jirra, kanaaf akkaan hordofna jedhan.

Ergaa twitter duraan erganiin haleellaan sun dhiyoo ykn turee ta’uu mala jedhanii turan. yeroo isaa garuu hin ibsine.

Haleellaan misaayilaa dhufaa jira jechuun erga Siiriyaa akeekkachiisanii guyyaa tokko booda Traamp har’a akka jedhanitti bulchiisa koo jalatti IS dhabamsiisuuf hojii guddaatu hojjetame jedhan.

White House akka jedhetti Traamp Siiriyaa ijaa ba’uuf misaayilaan haleeluu akka filmaata tokkootti fudhatu. Haleellaa meeshaa keemikaalaa mootummaan Siiriyaa magaalaa dugdee Ghouta Douma keessatti Sambata darbe gargaarame jedhame sanaan namoonni hedduun yo du’an kaan immoo akkaan dhukkubsatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG