Kan prezidaant Doonaald Tramp ministrii dantaa alaaf filatan daayrikteri CIA Mike Pompeo nama waraana jal’atu jechuun himannaan na irratti dhiyaate sirrii miti jechuu dhaan koree senetii kan hariiroo alaa duratti har’a dubbatanii jiran.
Pompeoon miseensota koree kanaaf akka himanitti aangoo isaanii yoo mirkanaa’eef diplomaasummaaf cimsanii nama falman ta’uu isaanii dubbatani.
Ba’ii gaariin yeroo mara dhimmootii diplomaasummaa irratti ni injifata jedhan.
Itti dabaluu dhaanis Pompeon nnaa ministeericha dhimma alaa duraanii Rex Tillerson bakka duwwaa hafe nan guuta jedhan.
Traamp Pompeoo kan kaadhiman erga diplomaaticha sadarkaa ol aanaa Tillersoniin baatii darbe hojii irraa hari’atanii booda. Tillerson Prezidaanticha waliin hariiroon qaban gaarii hin turre, hojjettoota White House waliin illee yeroo hedduu walitti bu’uu isaaniitu gabaasame.