Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Somaaliyaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate


Somaliyaa Konyaa Shabalee gara gadii bakka taphi kubbaa miillaa itti geggeessamaa turetti har’a boombiin dho’e yoo xiqqaate namoota afur galaafatuu isaa angawoonni naga eegumsaa beeksisaniiru.

Magaalaa Moqaadishoo irraa fageenya km 220 irratti argamtu Barawe keessatti boombiin dho’e gareen kubbaa miillaa naannoo kan magaalaa Barawe wayita dorogommii geggeessaa turetti ta’uu itti aanaan komiishinera naga eegumsaa magaalattii VOAf ibsaniiru.

Boombiin sun beekaa bakka angawoonni ol aanoon taa’an cina kan kaa’ame yoo ta’u kunis angawoota naannoo irraan miidhaa ga’uuf ture. Nuti garuu jedhan komiishinerri itti aanaan Bashir Yusuuf bakka adda addaa teenye. Maddeen hospitaalaa akka jedhanitti yoo xiqqaate haleellaa sanaan namoonni 13 madaa’aniiru.

Magaalaan Barawee magaalaa tarsiimoo kan andaara galaanaa fi naannoo maadhee waraana gamtaa Afriikaa guddicha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG