Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Afrikaa kilaboota biyya alaa keessa jiran taphaan guddachumatti jiran Morookoon dorgommi kubbaa miilaa bara 2026 qopheessuu feeti


Morocco Soccer CHAN Total 2018
Morocco Soccer CHAN Total 2018

Mohaammad Saalaa gurbaan dhalootaan Marsii EPL keessaaa Liver Pool keessa taphatu goolii isaa 30essoo yoo kilabiin isaa kalee Bournemouth waliin taphatte 3-0 mootetti galfate.

Namii kun kilabii tanaaf(Liver pool) marroo 45 taphate yoo inni keessa jiru kilabiin isaa marroo 27 mootee maroo 7 moo’amte.

Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa, FIFA 18 Saalaan taphataa ariifataa jedhee barana maqaa baaseef. Gurbaan kun nama ganna 25ti lakkoofsa 11 keeyyate fuula dura taphata.

Saalaan Pierre-Emerick Aubameyang, Cristiano Ronaldo caalee taaphataa ariifataa jedhamee filatame.Morookoon waancaa kubbaa miilaa bara 2026 qopheessuuf dorgomuutti jriti

Morookoon dorgommii tana qopheessuuf Meksikoo, Kanadaa fi USA waliin irratti wal dorgomuutti jirti.

Yoo taateef Morookoon Afrikaa Kibbaa bara 2010 keessaa dorgommi Waancaa Kubbaa miilaa qophessitee aantee lammeessoo taati.

Akka Morookoon dorogmmii tana qopheessituu Afrikaan Kibbaallee ya deeggarte.Morookoon tana waliin marroo shan dorgommii waancaa kubbaa miilaa tana qopheessuuf dorgomte.

Giinii Bisawuu fi Aljeeriyaalleen akka Morookoon qopheessitu fedhan.Abbaa dorgommii bara 2026 qopheessuu waancaa kubbaa miilaa Waxabajjii dhuftu Raashiyaatti taphatan irratti abbaa muranii muran.

Senegaalii fi Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2018

Senegaal dorgommi waancaa kubbaa miilaa addunyaa ji’a dhufu keessa Raashiyaatti taphataniif namii 23n filateee hin qixeeffannee gurbaa kilabi Goztepe ka Turkii keesa taphatu Den Baabaa yaammachuu feeti.

Demba Ba kun bara 2015 asitti kilabii biyya isaa Senegaalii taphatee hin beeku.

Senegaal waancaa kubbaa miilaa baranaa kana irratti Poolaandi,Kolombiyaa fi Jappaaniin walti martee ijoollee isii biyya alaatii qabdu yaammattee taphaaf qophaahuutti jirti.

Gurbaan Gaanaa ka kilabii EPL Swansea keessa taphatu Jordan Ayew kilabii isaa silaa diqquma EPL keessaa barana hin bahin lubbu itti hore.

Goolii takkitti innii kalee galcheefitti akka kilaiin isaa Evertoniin 1-1 walqixxee baatu tolche.

Jordan Ayewu kun barana qofa goolii 11 Swanseaf galche.Swasnea tun EPL keessaa bahuuf qabxii shan qofa qabdxi.

Tapha baranaa sadii keessaa goolii tokko qofa galfatte

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG