Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaama Haleellaa Keemilaalaa Siiriyaa Qorachuu Garas Dhaqe Irratti Dhukaasni Baname


Siiriyaa keessatti lafa haleellaan Keemikaalaa itti geggeessame qorachuuf ka bobbaafamee – garee qorannaa meeshaa Keemikaalaa irratti dhukaasne meeshaa waraanaa banamuu fi dhuka’aan dhoosamuun himamee jira.

Hoogganaan dhaabbaticha qorannaa meeshaa keemikaalaa kan OPCW – Ahimet Uzumkuu har’a ibsa kennaniin, “bakka tokkoffaatti, otuu uummatni hedduun walga’anii jiranii, ergaan akka gareen qorannaa sun akka bakka sana gad-lakkisee ba’u hubachiisu, Damee Nageenyaa fi Tika-nagaa Tokummaa Mootummootaa irraa dhaqqabe. Bakka lammataatti, dhukaasa meeshaa waraanaa fi dho’insa dhuka’aa tu gurmuu sana mudate” – jedhan.

Gochaan kun kaleessa tahuu ka dubbatan – hoogganaan jaarmayicha qorannaa keemikaalaa, gurmuun qorattootaa naannoo sana gad-lakkisuun gara Damaaskesitti deebi’uu beeksisan.

Miseensota gurmuu sanaa keessaa kan madaa’e akka hin jirre – maddeen Tokkummaa Mootummootaa VOA-tti himanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG