Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Tarkii Filannoon Prezidaantummaa Waggaa Tokkoo Dursee Ka Geggeessamu Tahuu Beeksisan


Prezidaantiin Tarkii – Resep Xayyib Erdogaan, filannoon prezidaantummaa fi paarlaamaa, yeroo itti sagantame waggaa tokkoo dursee ka geggeessamu tahuu beeksisan. Kunis taayitaa isaanii gara prezidaantii uummataan filatamuutti jijjiiruu fi danqaalee fuuldura dhaabatanii jiranitti furmaata kennuuf akka tahe dubbatan.

Ka silaa Sadaasa bara 2019 geggeessamuuf ture – filannoon biyyattii, Waxabajjii 24 ka fuul-dura keenyaa ka geggeeffamu tahuu labsan – Erdogaan.

Hoogganaan paartii Tarkii guddichaa, ka “NATIONALIST PARTY” jedhamuu – DEVLET BAHCELI waliin eega marii geggeessan booda ka prezidaantichi waa’ee guyyaa filannoo haaraa kana beeksisan.

Tarkiin sirna filannoo ishee kan hoogganaan paarlaamaan filatamu irraa gara prezidaantiin uummataan filatamuutti ka jijjiirataa jirtu yoo tahu, kun immoo prezidaantiif aangoo irra-jabaa kenna.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG