Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Amerikaatti beekamtu, Wells Fargo waan hedduu yakkitee doolara biliyoona 1 adabaniin baasuuf eeyee jette


Financial Markets Wall Street Wells Fargo
Financial Markets Wall Street Wells Fargo

Wells Fargo, baankii Amerikaatti horii manaan bitatanii fi jaarratan namaa liqeessuun tokkeessoo jirtu.

Tohattooti baankii Amerikaa akka baankiin tun horii itti namaa liqeessitu,dhala irraa argattuu fi karaan isiin hojjattuun laalanii seera hedduu cabsite jedhanii balleessaa itti muran.

Waan isiin himatan keessaa wabii ykn inshuraansii makiinaa ka seera hin tahin nama kuma hedduutti gurgurte fa.

Nama kuma hedduu seera malee horii baasift jedhanii adaban.

Tanafuu Wells Fargoon balleessaa tanaaf doolara miliyoona $500 Biiroo Tohannoo Daldala Maallqataatiif doolara miliyoona 500 ammoo Ministitirii Maallaqa Amerikatiif baafti. Horii kun warra seera malee horii baasisan jedhan hin gahu.

Hojjattootii baankii tanaa armaan duralleetti seera malee liqee kaardii ‘credit card’ doolara miliyoona 3.5 namaa kennan jedhani himatan.

Tanumaafuu Baankiin Jidduu Galeessa Amerikaa akka horiin Wells Fargo doolara tiriliyoona 1.95 hin caalle fi akka miseensota boordii baankii tanaallee jijijjiiran hajaje.

Baankiin Amerikaa keessaa guddinna horiitiin JPMorgan Chase fi Bank of Amerikaatti aantee sadeessoo. Waajjirii isii guddaan San Fransiskoo bara 1852 hujii jalqabde.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG