Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti aanaan dhimma haajaa alaa Amerilkaa damee Afrikaa imaltuu guyyaa sadiitiif Eertiraa dhaqee achumaan Kamisa dhufu Itoophiyaatti dabra


Donald Yamamoto
Donald Yamamoto

Itti aanaa dhimmi haajaa alaa Amerilkaa damee Afrikaa imaltuu guyyaa sadiitiif Eertiraa dhaqee achumaan Kamisa dhufu Itoophiyaatti dabra

Gareen Amerikaa ka itti aanaan dhimmi haajaa alaa Amerikaa damee Afrikaa, ambaasaadderii Donaldi Yamamootoo imaltuu tanaan akka Eertiraa fi Itoophiyaan karuma nagaatiin hariymmaa jabeeffachaa yaa’an fedha jedha bakka bu’aan diplomacy embaasii Amerikaa Eertiraa jiru.

Ministerii beeksiaa Eertiraa,Yemaanee G/Aab gareen ambaasaadderii Yamaamootoon faati imaltuu guyyaa sadiitiif Eeritraa dhufun jedhee Twitter irratti barreesse.

Ambaasaadderii Amerikaa kun hardhaa fi bori ammoo marii Amerikaa fi Jibuutiin waliin qabaan keessa oola.

Marii akkanaa tana gannuma gannaan siyaasaa,mala bultii, gargaarsa fi waan nagaa wal dubbaan.

Imaltuu tana fixannaan ambaasaadder Yamamooton iftaan Amerikaatti dabra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG