Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministera haajaa alaa Amerikaatti itti aanaan dhimma Afrikaa, amb., Doonaldi Yamaamootoo imaltuuf Itoophiyaa jira


Donald Yamamoto

Ambaasaadder Yamamootoon imaltuuf Afrikaa gama Bahaa irra maruutti jira.

Eritaa gahee achumaan Itoophiyaatti dabre.Achilleetti ministera haajaa alaa Itoophiyaa,Dr.Warqinee Gabayyootii fi ministera haajaa alaa Dr.,Abiyyi Ahmediin waan akka akkaa irratti wal dubbatan.

Yamamootoon bulchoota mootummaa Amerikaa eegii muummeen minsitera Itoophiyaa haaarahii hujii jalqabee Itoophiyaatti imaltuu dhufe ka qaraati.

Dhufaatii tanaan minsitera haaraa alaa Itoophiyaa Dr.Warqinee Gabayootiin waan akka akkaa wal haasahe.

“Waan hedduu irratti wal dubanne.Keessattuu karoora pirezidaantiin keenna Doonald Tiraampi hariyaa jabduu Afirikaa keesaa qabaahuu qabu irratti.Mala jireennaa, investimneeii fi daldalaa fa irratti wal dubbanne.Waan Somaalee fi Suudan keesa rakkoo Afirkaan gama kanaan jirullee ya duybbanne.Yoo muummee misnitera Itoophiyaatiin wal arginee waan marii fi hariyumma Itoophiyaatii fi Eerirtaalleen ya wal dubbatan.”

Ambaasaadder Yamaamootoon eegii ministirii haajaa alaa Amerikaa gabaasa mirga namaa Itoophiyaa waan innii keesa jiru baase dhufe.Gabaasii kun Itoophiyaan waan hedduu jedhe.

Tana iratti wal dubbacuu fi dhibaachuu isaanii womaa hin jenne.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG