Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meesiin 3 keessa buufate, Filippeen tokko itti dabaleef,Barseloonan lafumaan qottee Deportiivo 4-2 dhuqi tolchitee shampiyonaa La Liga taate


Meessiitti akkana goolii galfata

Dibbbii,didibbi jettee wal duude.Oluma fuutetti dhukkee keette.Kubbaa xiixaa goolii isaanii keette.

Meesiin sadii keessa buufate, Filippeen tokko itti dareef.Deportiivoo akkana tolchanii goolii 4 itti galchanii waancaa kubbaa miilaa La Liigaa irraa fudhan.ta baranaa taate.

Shaampiyoonaa La Liigaa ka baranaa Barseloonaa.Ernestoon,manaajerii Barseloonaa ijoollee baruma tokko leenisee asiin gahee tapha kalee tapathan irratti Deportiivoo 4-2 moo’an.

Tapha kalee kana irratti Lionel Meesii goolii qaraa 38’,82’ fi 85’ irratti ijoollee Deportiivoo afaan qabsiise.

Kubbaan murxuxxitiin Meessiin daqiiqaa 85essoo irratti bitaacha itti dagalche sadeessoolleen 85’ irratti goolii keessa buute.

Kubbaan lammeessoo innii Luis Suarez irraa bute sibiilaa goolii gubbaa maraa dhuftee goolii keessatti liphi jette.

Baarkaan tana waliin marroo 25 shaampiyoonaa La Liga taate. Meesii fi Mohaammad Saalaa warra duruu goolii adamsuu yaa’uu ammallee kophee warqii badhaafamuuf irratti wal dorgomuutti jiran.

Meessiin La Liigaa keessaa tapha ganna kana qofa goolii 32 galafate.

Meesiin ta guyya adheengaddaa waliin goolii marroo 46 hat trick(tapha tokkotti goolii sadi galfate.) Kilabiin Deportiivoo jarii 4-2 moo'e taan amma ya kialbii sadarkaa gadi aanuutti gadi buute.

Gama kaaniin ammoo namii kilabii kana gurraa itti tolchuun beekan Andres Iniesta, baruma kana qofa Baarkaa taphata.

Isa ammoo Chaayinaatti horii guddaa itti baasee yaammatee bitate. Namii kun marroo 700 maqaa Baarkaantiin taphate waancaa 32 kilbii tana waliin argate.

Kilabii kubbaa Scotish keessaa ammoo Celtiki ammoo Rangers 5-0 dhuqi tolchitee biyya isiitti shaampiyoonaa taate.

Biruma ejjaa kubbaan tumachaa oolanillee namichii goolii Ranjers eegu Jak Alnwick kubbaa sadii qomatti guurratee goolii irraa dhowwee malee wannii sunii olitti itti gala.

Celtic barana waancaa lama waluma gula moote.Iskootishii fi kilaboota kubbaa miilaallee moote.

Dorgommiin EPL torbaan lamaan duubatti dhumatti.Haga ammaatti ji’a sagal keessatti marroo 354 taphtanii goolii 954 gale. Manchester Sitiin shaampiyoona.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG