Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan biyyoota Afrikaa Bahaa gaazexeessitota hujii hojjachuu dhowwee guddoo gaargalcha,dhiba


reporters without borders RSF press freedom 2017
reporters without borders RSF press freedom 2017

Addunyaa keessaa bazra 2017 keessa gaazexeessitota 259 hidhan Afrikaa Bahaa fa waan akkanaatiin guddoo beekan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:55 0:00

Ganna dabre addunyaa keessaa gaazexeessitoota 259 hidhan akka dhaabbileen mirga gaazexeessitotaatii falman jedhanitti.

Eeritaa,Suudan,Jibuutii fi Somaalee fa keessatti gaazexeessitotii ogummaa ufiitiin hojjachuuf rakkoo guddoo guddoo keessa jiran.Afrikaa Bahaatti duruu dhibuma akkanaatiin himab.

Keenyaa,Taanzaaniyaa,Itoophiyaa faallee woma akkanaatiin himatan. Gaazexeessaaa Itoophiyaa Eskindir Neggaa biyya nagaa dhowwuu, mootummaa gara galchuu fi waan hedduun himatan.

Eskindir ammoo tanaa jedhee waan mootummaa nama tolchuu barreessuu hin dhiisu jedha.

"Waan feete jechuu baannaan akka feete tahuun dhiba.Waan ke himachuu dandahu malte.”

Gaazexeessaa kana ji’an duratti bulchiinsii mootummaa muummee ministeraa haarahii hike.

Muummeen ministeraa kun waan hedduu qaqqajeelchaa jedhee waan qajeelaa haga ammaatti womaa hin garree hinuma laallaa jedha.


Reporters without Borders dhaaba daba gaazexeessitota irratti hojjatan mormu. Biyya 180 keessaa Itoophiyaa ammallee biyya gaazexeessitotaa maksrsitee hujii hojjachuu dhoortu keessa jirtii 150esso jedha.

Eeritaan ammoo Itoophiyaallee gadi jirtii biyya 180 keessa 178essoo jirti. Itoophiyaan gaazexeessitota hiite 16 gadi dhiifte. Gaazexeessitota gadi dhiiftullee seerii isiin dubbachuun nama dhoortu fuluma ufii jiraa jetti qorattuun Koree Mirga Gaazexeessitotaa, CPJ.

Anjelaa Kiwuntaal daarektera koree tanaati.“Ganna dabre addunyaan gaazexeessitota 259 hiite.” Kana keesaa Itoophiyaa 16 hiitee Masrii fi Eeritiraatti aantee sadeessoo jirti jetti Anjelaan

"Gaazexeessitotaa fi warra yaada ufii interneetii irratti barreessu hiikuun waan dansaa jenna.

Mirgi MEDIA ammoo gaazexessitota qofa hiikuun fala hin argatu.Wannii Itoophiyaa ka yaaddoo nutti naqe seera hamaa gaazexeessitota irratti baasan.Seera kana jijjiiraa jechuuniitti jirra.”

Seerii Anjelaan jechuutti jirtu kun ka warra biyya nagaa dhowwuun himanna jedhanii ganna 9n duratti baasan. Itoophiyaan gaazexeessitota hidhuu qofaa mitii akka jecha Anjelaatti MEDIA dhuunfaallee hin cufte.

Joan Nyaanyookee daarektera Amnesty Internaashinaaliiti. Taanzaaniyaan durii goomittaa qabdii isiillee amma biyya gaazexeessitota hujii dhoorti jedhanii himatan.

Isiilleen biyya 180 keesaa 83ssoo jirti.Ugaandaatti ammoo namii gaazexeessitota gaargaclhii huji dhowwu Poolisii.

Keenyaallee tanumaan himatan.Gurrandhalaa dabrellee abbootiin alangaa mootummaan waan manii murtii jedhu hin caqasuu jedhanii akka TV biyya sunii ka cufataman banamu hiriira bahan.

Itoophiyaalleen biyya gaazexeesitota hedduu hiite. Warra hidhame keessaa tokko Fiqaaduu Mrkanaati,OBN(Oromia Broadcasting) keessa hojja.

Ganna lamaa asitti gaazexeessitotii akak durii kaaniin yo walti laalan akka dansaa jiranii woma mana barumsaatti barataniin hojjachuutti jiraa jedhan jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG