Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa godina Hawaahiitti ibiddii lafa jalaa, Volcano tokka’uuf dhudhukachuutti jira


Dhoosaa Iddoolaa Hawaahii keessaa Volkaanoon Kilaueaa keessaa tokkahuuf dhudhukate aara gadi dhiisa.Ebla 3,2018. (U.S. Geological Survey via AP)
Dhoosaa Iddoolaa Hawaahii keessaa Volkaanoon Kilaueaa keessaa tokkahuuf dhudhukate aara gadi dhiisa.Ebla 3,2018. (U.S. Geological Survey via AP)

Hawaahiin godina US 50n keessaa tokko. Iddoolaa guddoo Amerikaati.Garba Paasifik keessa jirtii Amerikaatti bara tokko Jappaan irraa bite.

Godinii kun akkuma teessuma lafa isaattuu ibidda lafa jalaa tokka’u volcano irra taa'a.

Fulaa ibiddii akkana lafa jalaa tokka’u namii keessa hin qubanne hedduutt jira. Gaara ibiddii lafa jalaa aaru ka irraa fagaatanii qubatanitti jira. Fakkeenna Maunaloa,Maunaloa fi Loihi fa

Fulaan amma ibidda akkanaa amma keessatti himan Malama fi naannoo Leilan fa.Ibiddii kalee lafa jalaa tokka’ee gaazii fi ibidda lafatti facaaselleen tanuma tolchee fulaa 35 gubee lafa fafalaansee bahe.Naannoo Eilani Estates jedhan keessatti lafti fulaa 12n fafallaantee

J.Babb, tohannoo teessuma lafa Amerikaatti qorataa.Bara 1955 asittu woma akkanaa kana keessatti argan.Godinii kun gaafas haga guyyaa 88 ibiddii lafa jalaa yaa’e.

Ibiddii lafa jalaa yaa’u kun yoom akka dhaabatu beekuullee baatan ammaaf namii achii baqachuutti jira.

Godinii kun lfa daawwii itti yaa’an ta Amerikaa guddoo maachanii faarsan. Midhaaguma gaarrenii,balee isii, maddoo bisaan isii, haroolee isii,maansa dotii fi gurraacha fa qaba.

Iddoolaa gugurdoo isiin qabdu 6 keessaa teesso mootummaa isii, Onoluulluutti caala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG