Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaatti bokkeennii roobee lafa ciruutti jira haroon Patal guutamtee cabstee nama 27 lolaan guurrate


Manneen lolaan itti baafate. Nakuuruu magaalaa Solio. Caamsaa 10,2018

Bokkeen kun ji’a lamaa asittuu akkanuma rooba. Haroon guutamtee cabsite tun, Patal Naayroobii irraa km 180 fagaatti.

Akka warrii lafaa jedhutti ka dhumate malee nama 40 lolaa keessaa guuranii ka dhibiillee barbaadumatti jiran.

Lolaan manneen nyaataa fi dhugaatiillee hedduu balleesse.Bokkeennii biyya tanaa manneen caaccabsee, lafti gadi citaa waan hedduu yakke.

Nama 130 caalutti tanaan dhumate.Keenyaa naanoo Rift Valley ji’a lamaa asittuu bokkaa guddaatti roobuutti jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG